Manni Marichaa Dambii Hundeeffama Komishiniii Anniisaa Niwukilaraa raggaasise

You are currently viewing Manni Marichaa Dambii Hundeeffama Komishiniii Anniisaa Niwukilaraa raggaasise

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 4/2018

‎Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 49ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraa 3 irratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Murtoowwan kunneenis;

‎1. Jalqaba irratti Manni Marichaa kan mari’ate Dambii Hundeeffama Komishiniii Anniisaa Niwukilaraa irratti dha.

‎Komishinichi Itoophiyaan Teekinooloojii Niwukilaraa gama nagaan seerota idil-addunyaa waliin haala wal simeen waliingeettii humna elekitiriikaaf, misooma indastiriif, wabii nyaataafi, Tajaajila fayyaaf, dameewwan saayinsii, qorannoofi qo’anoof fayyadamuuf tattaaffii taasisaa jirtu gaggeesuufi qindeessuuf itti gaafatamummaa akka qabaatuuf dambichi qophaa’ee dhiyaateera.

‎Manni Marichaa dhimmicha irratti bal’inaan erga Mari’atee booda dambichi Gaazexaa Nagaariit irratti erga maxxanfamee bahee eegalee akka hojiitti hiikamuuf sagalee guutuudhaan murteesseera.

2. Dabalataan manni marichaa kaffaltii tajaajilaa Inistiitiyuutiin Teeknooloojii Bishaan Itiyoophiyaa kaffalchiisu murteessuuf dambii ba’erratti mari’ateera.

Dhaabbatichi tajaajila qo’annoo, ce’umsa teeknooloojii, leenjii gochaarratti hundaa’ee fi gorsa akkasumas tajaajila laabiraatoorii ispeeshaalaayizdii kennu gatii madaalawaan hawaasaaf dhiyeessuun, baasii isaa guutumaatti uwwisuun galii keessoo isaa guddisuuf dambiin kaffaltii tajaajilaa qophaa’uun dhiyaachuun ibsameera.

Haaluma kanaan manni marichaas dhimmicharratti bal’inaan erga mari’ateen booda Dambichi Gaazexaa Nagaariit irratti guyyaa maxxanfamee ba’ee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

3. Xumura irrattis manni maricha dambii Waajjira Deebii Kennaa Balaa Sodaa hundeessuu fi hamma galii Fandii walitti qabamu murteessuuf baheeraratti mari’ateera. Dhimmicharratti bal’inaan erga mari’atee booda guyyaa Gaazeexaa Nagaariitirratti maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply