‎Puutiniifi Tiraamp wal arguuf beellamatan

You are currently viewing ‎Puutiniifi Tiraamp wal arguuf beellamatan

‎AMN Plus – Onkoloolessa 08/2018

‎Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp gitasaanii Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin Hangaarii Budaapestitti Wal arguuf bilbilaan wal beellamaniiru.

‎Pirezidaantotni lamaan erga Alaaskatti Wal argan booda Marsaa lamaaffaaf Hangaar Budaapestitti Wal arguuf akka jiran ibsameera.

‎Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp marii bilbilaan Puutin waliin taasisan bu’aa qabeessa akka ta’e dubbataniiru.

‎Waraana baha jiddu galeessaa qabbaneessuuf tattaaffirra jiraachuu kan himan Tiraamp Raashiyaafi Yukireen gidduttis nagaa buusuuf araara eegaluu isaanii ibsaniiru.

‎Michummaa gaarii waliin qabaachuun kan beekaman Puutiniifi Tiraamp yeroo garaagaraatti marii bilbilaan taasisaa turanis waraana Raashiyaafi yukireen xumura itti gahuu hin dandeenye.

‎Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin deeggarsa Meeshaalee Waraanaa Ameerikaarra barbaaduus, Donaald Tiraamp garuu, Kallattii Marii nagaa qofarratti xiyyeeffachuu akka barbaadan Sabaa-himaaleen Idil addunyaa Aljazerafi Reuters gabaasaniiru.

‎Namoomsaa Baalliitu qindeesse.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply