“Mariin Puutin waliin yaadame haqameera” Tiraamp

You are currently viewing “Mariin Puutin waliin yaadame haqameera” Tiraamp

AMN PLUS- Onkoloolessa 13/2018

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gita isaanii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin Hangaarii Budaapeestitti mariin taasisuuf turan haqamuu Tiraamp beeksisaniiru.

Tiraamp marii Puutin waliin taasifamu, “bu’aan irraa argama jedhee hin abdadhu” jechuun haquu ibsan.

Pirezidaantotni lamaan baatii lama dura Alaaskaatti wal arganii erga mari’atanii booda, marii dhiyeenyatti bilbilaan taasisaniin Hangaariitti walga’uuf qophii taasisaa akka turan ibsameera.

Tiraamp Barreessaa Olaanaa NATO Maark Ruut wajjin Waayit Haawusitti erga marii taasisan booda ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, “Pirezidaanti Puutin waliin yoo haasofnu yeroo hunda walii galtee gaarii qabna, haalotni amma jiran garuu waraanicha dhaabuun bu’aa barbaadne kan argamsiisu hin fakkaatu” jedhan.

Ta’us, osoo bakkaafi yeroo isaa hin eerin yeroo dhiyootti Pirezidaanti Puutin waliin akka mari’atan beeksisaniiru.

Tiraamp, “Raashiyaan adeemsa nagaaf kaka’umsa gahaa hin qabdu” jechuudhaan Kubbaaniyyaawwan boba’aa oomishan lama irra qoqqobbii kaa’aniiru.

Raashiyaa irratti dhiibbaa uumuuf yaadamee qoqqobbiin kaa’ame kun bu’aa barbaadame fiduufi dhabuu isaa ilaalchisee shakkii qabaachuu kan dubbatan Tiraamp, Raashiyaan gara Mariitt ikan deebitu yoo ta’e qoqqobbichi akka ka’u ibsaniiru.

Raashiyaan qoqqobbii kanas ta’e marii haqame ilaalchisee ibsi hanga ammaatti baaste akka hin jirre BBC fi RT’n gabaasaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply