AMN PLUS -Onkoloolessa 13/2018
Hariiroon daldalaa Itoophiyaa fi Raashiyaa bara faranjootaa 2025 Ji’oota jaha keessatti dachaan dabaluu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Evegeenii Tarihiin ibsan.
Miidiyaa Raashiyaa TASS waliin turtii kan taasisan Ambaasaaddar Tarihiinii, tumsi daldalaafi diinagdee biyyoota michuu lamaanii waan dursi kennamuuf ta’uu hubachiisaniiru.
Haaluma Kanaan, hariiroon daldalaa Itoophiyaafi Raashiyaa guddachuun ji’oota jaha keessatti qofa daldalli adeemsifame Doolaara Miliyoona 100 fi Miliyoona 91 fi Kuma 200 akka gahe ibsaniiru.
Ambaasaaddar Tarihiinii, buna qulqullina olaanaa qabu, midhaan dibataafi zayitaa akkasumas abaaboon gara Raashiyaatti ergamuu kan ibsan yoo ta’u, danqaaleen nam-tolchee hojicha danqu akka hin jiraanne hojjatamuu ibsaniiru.
Oomishtootaafi ergitootni kallattiin akka waliin hojjatan taasisuun jiddu seentummaa dhaadhessitootaa hanqisuun Hariiroon daldalaa kun akka jabaatu taasisuu kaasaniiru
Hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii daran cimsuuf mariin gama viidiyoo konfiransiin kubbaaniyaawwan Itoophiyaa 15 fi Raashiyaa 20 hirmaachisu dhiyeenyatti akka adeemsifamus akeekuu isaanii himameera.