AMN PLUS – Onkoloolessa 13/2018
Dhimmoota biyyaalessaa bu’uura ta’an irratti mariiwwan gochuun waliigaltee biyyaaleessaa fooyya’aa uumuuf akka gargaaru Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Yuunaas Adaayee (PhD) dubbataniiru.
Komishinar Yuunaas (PhD) AMN waliin turtii taasisaniin Mariin biyyaalessaa Itoophiyaatti eegale uummataa fi mootummaa akkasumas uummattoota gidduutti wal amantaa uumuuf akka fayyadu ibsaniiru.
Waliigaltee biyyaalessaa fiduu fi akka biyyaatti aadaan mari’achuu akka guddatuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.
Komishinichi hanga ammaatti hojii naannolee biyyattii adda addaa fi biyyoota alaatti ajandaa walitti qabuu fi adda baasuu hojjachuu isaa komishinar Yoonaas Adaayee (Dr) eeraniiru.
Ameerikaa, Afrikaa kibbaa, Kaanaadaa, Baha Giddu galeessaa, Ingilizii fi Siwiidin lammiilee jiraatan mari’achiisuun hojii ajandaa adda baasuu raawwachuu kan ibsan komishinarichi maricha irratti biyya isaaniitii sababa bahaniif dhaga’uu akka leecallootti fudhachuu ibsaniiru.
Komishinichi torban kana Tigraayitti imaluun bulchiinsa yeroo naannichaa, hooggantoota paartilee siyaasaa, hayyootaa fi hawaasa waliin marii biyyaalessaa itti fufee taasisuuf haalli dandeessisu jiraachuu hubachuu ibseera.
Itoophiyaa gara fuulduraa nageenya ishee cimsuun dhaloota wal kabajuu fi wal amanu uumuuf, dabalataanis tokkummaa fi waliigaltee lafa qabsiisuuf marichi faayidaa olaanaa qabaachuu ibsameera.
Itoophiyaa naga qabeettiifi badhaate, ol ka’iinsa ishee waaressuuf qaamolee miidiyaa dabalatee hawaasni hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu komishinichi waamicha dhiyeesseera.