‎Walitti dhufeenyi biyyoota Afrikaa gama investimentiin cimuu qaba – Geediyoon Xiimotiwoos (PhD)

You are currently viewing ‎Walitti dhufeenyi biyyoota Afrikaa gama investimentiin cimuu qaba – Geediyoon Xiimotiwoos (PhD)

‎AMN PLUS – Onkololeessaa 15/2018

‎Fooramiin Xaanaa 11ffaan Magaalaa Finfinee Yaadannoo Injifannoo Aduwaatti har’a taa’amuu eegale.

Firamicha irratti hoggantoonni, ministeerotni haajaa alaa, bakka buutonni addaa, hayyoonnii fi qooda fudhattoonni hirmaachaa jiru.

‎Mariin paanaalii diinagdee, nageenyaa fi misooma hawaasummaa fi siyaasaatiin rakkoolee mudatanii fi furmaata irratti kan xiyyeeffates geggeeffameera.

‎Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximotewos (PhD) marii paanaalii kana irratti akka jedhanitti, Biyyoonni Afrikaa birmadummaa diinagdee isaanii ofuma isaaniitiin haala mirkaneessuuf isaan dandeessisu mijeessuu akka qaban himan.

‎Dargaggootaa fi dubartoonni akkasumas teknoloojiin badhaadhina dinagdee Afrikaatiif humna sochooftuu taasifamuu akka qabu himanii, ijaarsi bu’uuraalee misoomaas xiyyeeffannoo kan barbaadan ta’uu eeraniiru.

‎Walitti dhufeenyi biyyoota Afrikaa gama invastimantiitiin jiru cimuu akka qabus ibsaniiru.

‎Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa biyyoota Afrikaa birootti invasti gochuun carraa hojii uumuun walitti dhufeenyi biyyoota ardichaa akka cimuuf gahee olaanaa taphachaa akka jirus ibsaniiru jechuun TOI gabaaseera.

‎Pirezdaantiin duraanii Mozaambiik Jo’aakiim Chisaanoo gama isaaniitiin, hariiroon biyyoota Afrikaa jiraatus walitti hidhamiinsa gahaa qabu jechuun hin danda’amu jedhan.

‎Hariiroon wal amantaa irratti hundaa’uu akka qabu kaasuun, dhimmoota waloo irratti walamantaa cimsuun murteessaa ta’uu xiyyeeffannoo itti kennuun dubbataniiru.

‎Pirezidaantiin Maalaawwii duraanii Joysee Baandaa (Dr), Afrikaan qabeenya uumamaa duroomtuu ishee taasisan qabaattus, qabeenya isheetti fayyadamuu irratti garuu muraasa ta’uu ibsaniiru.

‎Carraawwan jiranitti fayyadamuun dhaloota dhufuuf carraa hojii uumuun murteessaa tahuu eeruun, dubartoota hirmaachisuun ajandaa ijoo hoggantoota Afrikaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply