Aaraafi dhukkeen dho’iinsa voolkaanoo Affaaritti uumame balalii xiyyaaraa yoo danqe malee miidhaa biraa akka hin fidne ibsame.

You are currently viewing Aaraafi dhukkeen dho’iinsa voolkaanoo Affaaritti uumame balalii xiyyaaraa yoo danqe malee miidhaa biraa akka hin fidne ibsame.

‎AMN PLUS- Sadaasa 17/2018

‎Naannoo Affaaritti dho’iinsa voolkaanoo tibbana mudate hordofee aaraafi dhukkeen mul’ate balaliiwwan xiyyaaraa yoo danqe malee miidhaa biraa fiduu akka hin dandeenye Qorataan Ji’oo Fiiziksiifi Astiroonoomii fi Ogeessi Olaanaann Seesmooloojii Piroofeesar Attaalaay Ayyalaa ibsaniiru.

‎Dilbata darbe Sadaasa 14 Kibba Affaar Eertaallee, bakka Haalegubii jedhamutti dho’iinsi volkaanoo mudate sadarkaa gadi aanaatti kan hammatamu ta’uu AMN waliin turtii taasisaniin eeraniiru.

‎Dho’iinsa Volkaanoo kanaa wanni adda taasisu aarri isaa ol-ka’iinsa Kiiloo Meetira 14 olitti qilleensa keessatti kan ol ka’e ardiiwwan birootillee samii keessatti arguu akka danda’an dubbataniiru.

‎Miidiyaan tokko tokko dho’iinsi volkaanoo akkanaa kun waggoota Kuma 10 booda kan uumamedha jedhanii gabaasuu isaanii eeruun, ragaa sirrittii mirkanaa’e akka hin taanes hubachiisaniiru.

‎Eertaalleefi naannoon isaa osoo hin socho’in waggoota Kuma 10 ture jechuuf ni rakkisa kan jedhan, qorannoo dhiyeenyatti taasifameen mallattoo dhagaa baqee lafarratti goge akka jiru ibsaniiru.

‎Sochii lafa wajjin wal qabatees, yeroo dhiyoo as Itoophiyaan dho’iinsa volkaanoofi sochii lafaatiin saaxilamaa akka jirtu eeruun, saayinsiif xiyyeeffannoo kennuun yoo hojjatame miidhaa qaqqabsiisuu malu hambisuun akka danda’amu Piroofeesar Attaalaay dubbataniiru.

Mohaammadnuur Aliitu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply