Itoophiyaatti marii biyyoolessaa gaggeessuun maaliif barbaachise?

AMN – Sadaasa 17/2017

Mariin biyyoolessaa Itoophiyaaatti akka gaggeeffamuuf sababoonni bu’uuraa lama kan jiran ta’uu Komishinii Marii Biyyaalessaa beeksise.

Inni jalqabaa dhimmoota sabootaaf bu’uuraa ta’an irratti haayyuuwwan yaadaa Itoophiyaa keessatti argaman gidduutti akkasumas miseensota hawaasaa gidduutti garaagarummaan yaadaa fi wal-hubannoo dhabuun jiraachuu isaati.

Sababni inni lammaffaa ammoo aadaa siyaasaa rakkoo keessoo jaarraa hedduuf harkifamaa ture mariidhaan furuun akka danda’amu ijaarsa sirna dimokiraasiitiif araarama mijaawaa uumuun barbaachisaa ta’uu isaati Komishinichi kan ibse.

Waluumaagalatti muuxannoo biyyoota biroo irraa ka’uudhaan akkasumas haala qabatamaa biyyi keenya keessa jirtu qorachuun mariin taasifamu kun qaamolee dhimmichi ilaallatu hunda kan hirmaachisu ta’uutu ibsame.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply