‘Abbaa Naamibiyaa’ kan jedhamaniifi har’a kan boqotan Saam Niyoomaan eenyu?

You are currently viewing ‘Abbaa Naamibiyaa’ kan jedhamaniifi har’a kan boqotan Saam Niyoomaan eenyu?

AMN PLUS- Gurraandhala 2/2017

Abbaa bilisummaa Naamibiyaa jedhamuun maqaan isaanii hawaasa addunyaa biratti beekama.

Pirezidaantii jalqabaa Naamibiyaati. Saam Niyoomaan har’a umrii isaanii ganna 95tti du’aan addunyaa kanatti nagaa dhaammatan.

Kun gadda guddaa uummata Naamibiyaa ta’eera.

Saam Niyoomaan nama kolfaa fi namoota wajjin dandeettii waliigaluu qabani dha.

Fincila bulchiinsa Appaartaayidii irratti taasisaniifi Walabummaa Naamiibiyaa nama dhugoomsan ta’uu isaaniin abbaa Naamiibiyaa maqaa jedhuun biyyattiitti waamamu.

Pireezidaantiin Naamibiyaa kan ammaa Naangoloo Muubumbaa du’aan boqochuu Saam Nuujomaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii yeroo ifoomsan “Namni seena qabeessi kun boqochuun oduu rifachiisaadha” jedhaniru.

Saam Niyomaan Naamibiyaa sirna kolonii Appaartaayidii Afrikaa Kibbaa irraa bilisa baasuu qabsoo guddaafi imala qabsoo bu’a bahi hadhaawaa heddu qabu akka gaggeessan galmeen seenaa isaanii ni addessa.

Bilisummaa boodas haga bara 1990 hanga 2005tti biyyatti geggeessaniiru.

Walabummaa siyaasaan booda walabummaa diinagdee biyyattii gonfachiisuuf ifaajiin isaan taasisan biyyattiif bu’uura guddaa kaa’uutu himama.

Saam Niyoomaan Naamibiyaam Bilisummaa akka gonfattu erga taasisan booda biyyattii keessatti nagaafi tasgabbii waareessuun warra adii waliin uummanni biyyatti nagaan akka jiraatan taasisuu isaaniin beekamu.

Boqochuu pireezidaantii duraanii Naamibiyaa Saam Nuujomaatti gadda itti dhagahamee dureewwan biyyoota adda addaa, keessattuu kan biyyoota Afrikaa ibsaa jiru.

Kaasiyyee Maanguddaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply