AMN PLUS, Guraandhala 19, 2017
Itoophiyaan kan itti hirmaatte waltajjiin Ministirootaa Hundeeffama Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Koriidarii Itiyoo Jibuutiitti taa’amaa jira.
Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Ministirri Bu’uuraalee Misoomaa fi Ikkuyippimeentii Jibuutii Hasan Hamuud, Ministirri Daandii fi Riqichaa Sudaan Kibbaa Simoon Miijok fi Komiishinarri Eeggataan Tajaajila Geejjibaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Yugaandaa Neelsan Ruweengaa waltajjicha haasaan banuun ajandaa waloo hundeeffama koriidarichaa irratti mari’ataniiru.
Sararoota geejjibaa biyyoota walquunnamsiisan walitti hidhuu, guddina bu’uuraalee misoomaa fi walitti dhufeenya uummataa bal’isuuf akka fayyadus waltajjicha irratti ibsameera.
Walga’ii dhiyeenya kana Bishooftuutti taa’ame irratti wixinee sanada hundeeffama koriidarichaa irratti galteewwan adda addaa dabaluun ji’a tokko keessatti xumuramee mallattoof akka qohaa’u waliigalamuun ni yaadatama.
Kana hordofee jilli koree teeknikaa biyyoota arfanii of keessaa qabu haala hundeeffamni koriidarichaa itti saffisu irratti Jibuutiitti mari’ateera.
Marichi borus akka itti fufu ragaan Jibuutiitti Embaasii Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.