AMN Sadaasa 23/2017
Itoophiyaa keessatti dandeettiin kalaqaa jireenya jijjiiruu danda’u akka jiru argineerra jechuun Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa dubatan.
Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dhaabbata Tumsa Kibbaa (OSC) waliin ta’uun sagantaa baniinsa Fooramii Teeknooloojii Idil-addunyaa Muuziyeemii Saayinsiitti bananiiru.
Misesonni dhaabbata kana teeknooloojiiwwan 41 biyyoota 14 irraa dhufan agarsiisaaf dhiyaateera.
Agarsiisni kun ardiilee adda addaa gama teeknooloojiin walitti dhufeenya cimaa uumuun dandeettii beekumsa uumuu fi itti fayyadamuu cimsuuf kan akeeke ta’u odeeffannon marsaa hawaasumma Ministeera Saayinsiif Teeknoolojii irraa argane ni mul’isa.
All reactions:
2626