
AMN PLUS- Amajjii 5/ 2017
Waajjirri Bulchiinsa Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Ayyaanni Cuuphaa nagaa fi tokkummaadhaan akka kabajamuuf jecha waldaa abbootii dhaabbilee amantaa giddu galeessa irraa kaasee hanga aanaatti jiran waliin waltajjii marii gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti ergaa kan dabarsan Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjirichaa kan ta’an obbo Tasfaayee Caannee akka jedhanitti, kanaan duras tattaaffii waloo ummataatii fi mootummaatiin taasifameen ayyaanonni amantaa fi aadaa adda addaa nagaan akka xumuraman gochuu danda’ameera.
Ayyaanni Cuuphaa torbee dhufu kabajamu haala hawwataan akka kabajamuuf mootummaan hojiilee adda addaa hojjachaa jiraachuus yaadachiisaniiru.
Kanaafis mariin ummataa adda addaa gaggeeffamaa akka jiru ibsamee jira.
Ayyaanichi bifa miidhagaa ta’een akka kabajamuuf namni hundi itti gaafatamummaa isaa sirnaan bahachuu akka qabus akeekkachiifameera.
Habtaamuu Mul’ataattu gabaase