AMN- Sadaasa 12/2017
Abjuu boruu irratti hubannoo waloo uumuun abjuu biyyalessa yeroo gabaabaa keessatti dhugoomsuuf hojjetamuu akka qabu Afyaa’iin Magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkaadir dubbatan.
Guyyaan Sabaa, Sab-lammootaa fi Ummatootaa 19ffaa mata duree “Waliigaltee Biyyaalessaa Sabdannesummaaf” jedhuun sagantaalee adda addaatiin kutaa magaalaa Gulalleetti kabajamaa jira.
Manni Maree Bulchiinsaa Kutaa Magaalaa Gulalellee ayyaana kana marii paanaalii, agarsiisa aadaa aada addaa fi eenyummaa saboota, sablammootaa fi ummatoota agarsiisun guyyaa kana kabajaa jira.
Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkaadir, hoggantoonni fi jiraattonni kutaa magalichaa waltajjicharratti hirmaataniiru.
Guyyaan kun magaalattii keessatti yeroo kabajamu, dhimma hubannoo waloo biyyaa uumuuf kaayyeffatee kabajamaa akka jiru Afyaa’iin Buzeenaa Alkaadir dubbataniiru.