Koreen Dhaabbii Dhimmoota Haqaa fi Bulchiinsa Gaarii raawwii hojii ji’oottan Saglan darbanii AMN gamaggamaniiru.
Sagantaa gamaggamaa kanarrattis Hojii Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa, Addis Miidiyaa Neetwork Riifoormii taasiseen tekinooloojii ammayyaan of gahoomsuun, dhaqqabamummaa isaa bal’isuun, hawaasni Magaalaa Finfinnee taateewwan biyya keessaafi alaa Afaan mataasaan akka dhaga’uufi arguuf chaanaalii dabalataa AMN PLUS afaanota biyya keessaafi alaan tamsaasu waan eegalchiiseef bu’aa guddaan galmaa’aa jira jedhan.
AMN oduufi odeeffannoo lammiileef qooduun alatti ajandaalee adda addaa qopheessuun Hawaasaafi Mootummaa gidduutti riqicha ta’uun hojimaata badaa xiqqeessuufi fudhatamummaasaa dabaluuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.
Walitti qabaan koree dhaabbii dhimmoota haqaafi bulchiinsa gaarii Magaalaa Finfinnee Obbo Mulunee Dassaalany AMN dhugumatti hojii hojjechaa jiruun sagalee dhalootaa ta’uu isaa qabatamaan mirkaneessaa jira jedhan.
AMN milka’inoota yeroo muraasa keessatti galmeesseen kan of dagatu osoo hin taane, dorgomtummaan isaa sadarkaa Miidiyaalee Idil Addunyaa waliin akka ta’uuf imala eegale cimsee itti fufuu qabaan dhaamsa miseensota koree dhaabbii haqaafi bulchiinsa gaarii Magaalaa Finfinneeti.
Leensaa Hordofaatu gabaase