AMN- Muddee 12/2017
Mana maree Magaalaa Finfinneetti Itti waamamni Olaanaa Mootummaa geeggeessitootaafi miseensota mana maree magaalichaaf gurmaa’insa itti waamamaa mootummaa irratti leenjii hubannoo cimsuu kennaa jira.
Leenjiin hubannoo cimsuu kunis barbaachisummaa gurmaa’insa itti waamamaa mootummaa irratti kan kennamu ta’uu himameera.
Haasaa baniinsaa kan taasisan Mana Maree Magaalaa Finfinneetti Itti waamamaa Olaanaan Mootummaa Obbo Maashoo Olaanaa gurmaa’insichi dhimmoota Mootummaa ijoo ta’an abbummaan kan qindeessuudha jedhan.
Gurmaa’insi itti waamamaa Mootummaa gurmaa’insa Mootummaa cimaa ta’uu qabaas jedhaniiru.
Gaggeessitoonni sadarkaa sadarkaan jiraniifi miseensonni mana maree Magaalaa Finfinnee barbaachisummaa gurmaa’insa itti waamamaa Mootummaa beekuun murteessaadha kan jedhan Obbo Maashoon lenjichis geeggeesitoonniifi miseensonni mana maree Magaalaa Finfinnee akka hubataniif ta’uu kaasan.
Barbaachisummaa isaa itti amanamuun Gurmaa’insi Mootummaa gurmaa’insa dhiyeenya hundaa’e ta’uu kan himan ammoo Af Yaa’ii Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadiridha.
Hojiiwwan roga hundaan Magaalaa Finfinnee keessatti hojjetamaa jiru keessatti Manni Maree magaalichaa ga’ee Olaanaa qaba kan jedhan Aadde Buzeenaan Milkaa’ina hojiiwwan Manni Maree Magaalaa Finfinnee hojjetuuf gurmaa’insi itti waamamaa Mootummaa murteessaa ta’uu himaniiru.
Jiraataa Biyyanaatu gabaase.