AMN- Muddee 25,2017
Hawaasni qalma karaa seeraan alaa taasifamurraa ofeeggachuu akka qabu Dhaabbanni Qeeraa Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.
Dhaabbatichatti itti gaafatamaan qunnamtii Hawaasaa Obbo Ataakilti G/ Mikaa’el ibsa Miidiyaaleef kennaniin, kana dura qalmi karaa seeraan alaa rakkoo dhukkuba horii foonii irraa gara namatti darbuu fi rakkoo faalama qilleensaaf hawaasa magaalichaa saaxilaa turuu ibsuun, hawaasni qalma seeraan alaa raawwachuu irraa akka ofeeggatu hubachiisanii jiru.
Dhaabbanni Qeeraa Magaalaa Finfinnee Ayyaana Qillee dhufaa jiruuf horii foonii kuma afur qopheessuun, foon qulqullina qabu gatii madaalawaadhaan hawaasaaf dhiheessuuf qooda fudhattoota isaa waliin qophii xumuruu Obbo Ataakilti Ibsaniiru.
Geetahuun Katamaatu Gabaase