Addis Miidiyaa Neetwoork, Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee waliin, walii galtee hojii mallatteesse.

You are currently viewing Addis Miidiyaa Neetwoork, Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee waliin, walii galtee hojii mallatteesse.

AMN Waxabajjii 19 10 2017

AMN miidiyaa filatamaa odeeffannoo waqtaawaa saffisaan hawaasa biraan gahu ta’uun cinaatti sagantaalee garaagaraa bocuun odeeffannoo barsiisaafi bashannansiisaa dhalootaan ga’aa jira.

Bu’uruma kanaan sagantaa televizyiniin darbu irratti waliin hojjechuuf Biiroon Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee AMN waliin waliin galtee hojii mallatteeseera.

Saganticha irratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa, sadarkaa Kantiibaa Itti Aanaatti Hoogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaa dabalatee hoggantoonni sadarkaan jiran argamaniiru.

Saganticha irratti haasawa kan taasisan sadarkaa Kantiibaa itti aanaatti hoogganaan Biiroo Hojiifi Ogummaa magaalattii Obbo Xiraatuu Bayyanaa sangataan ‘Yemiseru Ijoch Weg’ jedhamu AMN waliin hojechuuf ta’uu himan.

Kaayyoon sangantichaas ilaacha Hojiif hawaasni qabu jijjiiruun dhaloota hojii osoo hin filatiniifi hin tuffatin hojjechuu danda’u horachuuf ta’uu Obbo Xiraatuun himaniiru.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa Sagantaa ‘Yemiseru Ijoch Weg’ jedhamu biiricha waliin hojjechuuf waliin galteen mallatteeffame dhaloota borii qaruu keessatti Shoora olaanaa qabaachuu himan.

AMN dhalootaaf akkuma hojjetu Biiroon Hojiifi Ogummaas dhalootaaf hojjechaa jira kan jedhan Obbo Kaasaahun, kanaaf waliin hojjechuun keenya dhaloota boru biyya dhaalan horachuu keessatti bakka guddaa qaba jedhan.

Hojiin hojjennus dhaloota bira dhaqqabuun bu’aa barbaadamu argamsiisuu akka danda’uuf Sona itti dabaluun hojjechuun murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.

Sagantichis ji’oota kurnan dhufan keessatti Torban Lama lamaan kan dhiyaatu ta’uunis ibsameera.

Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply