Adeemsi maree ajandaa walitti qabuu Kutaalee hawaasaa Naannoo Amaaraan taasifamu ittifufuusaa komishiniin maree biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.
Komishinichi waltajjiin maree naannoo Amaaraa kutaaleen hawaasaa kaleessa Bitootessa 28 bara 2017 kilaastara sadiitti qoodamuun gareen ta’uun ajandaa qindeessaa akka turan yaadachiiseera.
Har’a ammoo gareen xiqqaan addatti ajandaasaanii adda baasanii erga xumuranii booda garee xiqqaa tokko hundeessuun ajandaasaanii qindeessaa jiru jedheera.
Waltajjiin maree kun Sanbata darbe Bitootessa 27 bara 2017 magaalaa Bahaar Daaritti ifatti jalqabamuunsaa niyaadatama.