AMN PLUS-Sadaasa 11/2018
Sooftiweeriin Hubannoo Nam-tolchee (AI) lafee cabe salphukatti adda baasuufi wal’aanuuf akka gargaaru ibsameera.
Sooftiweeriin AI kun hospitaala keessatti lafee cabe salphumatti adda baafachuun, yoo bakki isaas kan hin beekamne ta’e, bakka isaa sirriitti mul’isuun, wal’aansa taasisuuf akka fayyadu qorattoonni Biriiteen ifoomsaniitu.
Gorsaan Dawaa Atattamaa Abdul Kahaan, yaalii baatii tokko keessatti taasisaniin, AI’n rakkoo gama yaalii lafeetiin jiru furuuf gahumsa olaanaa akka qabu mirkaneeffachuu ibsaniiru.
AI’n yaalii qorannoo ogeessotni fayyaa taasisan biratti akka dabalataatti fayyaduu isaa mirkaneeffachuu dhaabbatichi beeksiseera.
Teekinooloojiin kun daa’imman wagga lamaa gadii, namoota gara malee dhibamaniifi hordoffii cimaa barbaadan, dhibee onnee, wiirtuu dugdaafi qaamolee salphaatti miidhaman qabaniif hojiirra akka hin oolles itti dabaluun eereera.
Teekinooloojiin AI yaalii fayyaa lafee kan haalaan deggerus ta’u murtoon wal’aansaa inni xumuraa ogeessa fayyaan akka kennamu hubachiisuu BBC’n gabaaseera.

AI’n saaxilamummaa namni tokko gara fuulduraatti dhibeef qabu adda baasuun dursanii of eeggachuuf akka gargaaru qorattootni ni ibsu. Keessumaa hammantaa gulukoosii dhibamtoota sukkaaraa %90 sirriitti ibsuun akka dursanii tarkaanfii fudhatan akka qajeelchu himaniiru.
Rukuttaa onneefi hammantaa dhiibbaa dhiigaa adda baasuun namni tokko akka dafee yaalii argatu akeekuu danda’a.
Ragaawwan qaccee namaafi odeeffannoo dhuunfaa galmaa’anii taa’an % 85 adda baasuun, dhiibbaa qorichaa namni dhibame fudhatuu % 30’n kan akeeku yoo tahu, yaalii fayyaa nama Sanaa %25 akka fooyyessu odeeffannoon Mayo Clinic irraa argame ni mul’isa.
Qorannoo taasifamu haalaan deggeruun dhibee adda baasuu irra darbee, yaalii taasifamu irratti gorsa kennuuf akka fayyadu ogeessotni ni ibsu.
Komii tajaajila fayyaa irratti mul’atu hanqisuurra darbee osoo haalli fayyaa dhibamaa hammaataa hin deemin akka ariitiin yaaliin taasifamu kallattii kaa’uun ogeessa ni gargaara.
Dogoggora hir’isuun dhibamaanis ta’e dhaabbatni fayyaa baasii hin barbaachisneef akka hin saaxilamne taasisuurra darbee namoota muraasaan qofa yaaliin bu’a qabeessa ta’e akka taasifamu ni gargaara.
Haaluma Kanaan, ALA Bara 2023tti Doolaarri Ameerikaa Biiliyoona 6.2 akka hin qisaasofne taasisuu isaatu ibsame.
Gabaan Wal’aansa Fayyaa AI addunyaa irratti guddachaa adeemuun Bara 2023tti Doolaara Biiliyoona 15.1 ture, Bara 2033tti dacha 10 ol dabaluun Doolara Biiliyoona 187 akka guddatu raagameera.

Haaluma Kanaan dogoggora xiqqeessuu, si’aa’ina yaalii dabaluufi baasii hambisuun indastirii fayyaaf Doolaara Biiliyoona 360 akka oolfatu ni gumaacha jedhameera.
Imaammatni fayyaa Kanaan wal simu, ogeessi fayyaa amanamummaafi namummaa dursee hojjatuufi gahumsa AI’n sirna fayyaa ammayeessuu keessatti bahatu walitti ida’uun sirna fayyaa cimaafi qaamolee hawaasaa hundaa bira gahu ijaaruun akka danda’amu qorattootni ibsaniiru. Yoos, indastirii fayyaa waaraa, ismaartiifi si’ataa ta’e egeree biyyaaf ijaaruun danda’ama.
Itoophiyaanis indastirii fayyaa AI’n deggeramuun lammiilee ishee fayya buleessaafi oomishaa ta’e, badhaadhina biyyattiif gumaachu horachuu itti fufuun, dhaloota egereef biyya mijattuufi waa hundaan fayyaan ishee eegame dhaalchisuuf mul’ata godhattee hojjachaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) irra deddeebiin ibsaa turaniiru.
Akka Magaalaattis, Kantiibaan Finfinnee Adaanach Abeebee, hawaasa magaalaa fayya buleessaafi misoomaaf gumaachu horachuun, kana waaressuun, egeree dhalootaaf hojjachuuf Indastirii fayyaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennamee hojjatamaa jiraachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse