AI’n Diinagdee Ismaartii ijaaruufi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuuf daran akka fayyadu ibsame

You are currently viewing AI’n Diinagdee Ismaartii ijaaruufi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuuf daran akka fayyadu ibsame

AMN PLUS- Sadaasa 10 /2018

‎AI’n diinagdee ismaartii ijaaruu fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf faayidaa guddaa akka Hoggantoonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibsan.

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa Inistiitiyuutii Hubannoo  Namtolchee (AI)tti tibbana  taasisaniin, Itoophiyaan dorgommiiwwan teeknooloojii idil-addunyaa irratti dammaqinaan hirmaachuu daandii mirkaneessu irra jiraachuu ishee ibsanii turan.

‎Kana hordofuun hoggantoonni olaanoon Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hojiiwwan bu’a qabeessa giddu gala AI Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Kantiibaa Itti Aanaa fi Hogganaan Biiroo Misooma Indastirii Obbo Jaanxiraar  Abbaay, hojiin  AI’n  hojjetame sadarkaa magaalaatti misoomaa jalqabameefi kenniinsa tajaajila ammayyeessuun sadarkaa olaanaan akka raawwatamu taasisuu isaa eeraniiru.

‎AI’n nageenya Magaalaa Finfinnee mirkaneessuu, misooma ariifachiisuufi guddina diinagdee deeggaruuf daran akka fayyadu ibsaniiru.

Teeknooloojiin AI kuni dameewwan baay’ee keessatti faayidaa hedduu akka qabu kan ibsame, teeknooloojii kominikeeshini, bulchinsa humna namaa,  geejjiba, ijaarsa manneenifi tajaajila saffiisiisuu keessatti hojiin isaa olaanaa ta’u  daawwannaa kanaan hubachuu isaanii ibsaniiru.

‎Keessattuu Magaalaa Finfinnee keessatti  komii uummataa tajaajila irratti  ka’aa jiruufi hojmaata badaafi malaamaltummaa hambisuu keessatti hojiin isaa gudda akka ta’es hubaataniiru.

‎Itti Gaafatamaan Waajjira  Paartii Badhaadhinaa Damee Finfinnee   Obbo  Mogas Baalchaa gama isaaniitiin magaalaa  jiraattotaaf tajaajila mijataa fi si’ataa ta’e kennitu magaalaa ismaartii  taate uumuuf hojiileen AI hedduu hojiirra oolaa akka  jiru eeraniiru.

Kantiibaa Itti Aanaanifi Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa Jamaaluu Jambaruu (PhD) gama isaatiin Hubannoon namtolchee bifa Magaalaa Finfinnees akka jijjiire ibsan.

‎Bulchiinsi Magaalaa Finfinneefi Giddu galli Inistiitiyuutii Aartefishal Intalajensii Itoophiyaa waliin hojjechuuf hojiileen eegalan jiraachuu kan ibsan Dooktor Jamaaluun, dhiyeenya kana kan ifoome giddu galli tajaajila iddoo tokkoo MASOB isa tokko ta’uu hubachiisaniiru.

Fuuldurattis hojmaata badaa  hambisuuf Instiitiyuutii Aartefishal Intalajensii Itoophiyaa waliin tokkummaan hojjechuun akka barbaachisus dhaamaniiru.

‎Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply