AMN Onkololeessa 10, 2017
Kooriyaan Kaabaa lola Yuukreen keessatti deemaa jiru irratti Raashiyaa akka deeggaraniif loltoota kumaatamaan erguuf qophii xumuruun himame.
CNN suuraa loltoota Kooriyaa Kaabaa uffata loltuu Raashiyaa uffatanii qophaa’an ifoomseera.
Akka tikni Kooriyaa Kibbaa ibsetti, Kooriyaan Kaabaa loltoota hanga 12,000 ta’an Raashiyaatti ergiti.
Tarkaanfii Kooriyaa Kaabaa kana “yaaddoo nageenyaa cimaa” jechuun Kooriyaan Kibbaa ibsiteetti.
Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii loltoonni Piyoongyaang 10,000 ta’an waraana kanatti makamuu akka danda’an odeeffannoon tikaa isaan qaqqabuu kanaan dura dubbatanii ture.
Pirezidaantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suuk har’a walgahii nageenyaa waamun hawaasi idil-addunyaa “karaa danda’ame hundaan” Kooriyaa Kaabaa irratti dhiibbaa akka godhu gaafatan.
Kanaan dura Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa Raashiyaaf ergaa turte jedhamuun hamatamaa turte.