Jalbultiin Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Saambee sirna adda addaatiin kabajame

You are currently viewing Jalbultiin Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Saambee sirna adda addaatiin kabajame

AMN PLUS Ebla 26/2017

Godina Iluu Abbaa Booritti Jalbultiin Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Saambee maree paanaaliifi sirnoota adda addaatiin kabajameera.

Bakka Seenessa dhugaa gootummaa waloo sabaafi sablammoota Itoophiyaa itti seeneffamu, kan birmadummaa biyyaatiif sabaafi sablammootni Itoophiyaa irree tokkoon diina dura dhaabatan guyyaan Injifannoo Saambee guyyaa Boruu Godina Iluu Abbaa Booritti kabajama.

Kantiibaan Magaalaa Mattuu obbo Tashaalee Ejersoo, Saambeen mallattoo ambaasaaddarummaa nageenyati jedhan.

Seenaan Saambee barootaaf abbaadhaa ilmatti darbaa kan dhufe, aarsaa goototni saambee waggaa 84 dura hojjetan ragaa ta’ee argisiisuudha jedhan.

Bulchaan godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii Saambee kan kabajnu kaayyoo abbootni lafeesaanii itti cabsan sana hojiidhaan deggerree seenaa gootummaa misoomaa dhaloota dhaalchisuuf itti hojjetamu ta’uu himan.

Saambeen iddoo injifannoo qofa osoo hin taane iddoo dhalootni imaanaa itti wal jijjiiruufi sabaafi sablammootni gootummaa waloosaanii itti leellisan ta’uu himaniiru.

Guyyaan Yaadannoo Injifannoo Saambee waggaa 84ffaan bor Godina Iluu Abbaa Boor bakka goototni Saambee Weerartoota Itilii itti injifatanitti kabajamee akka oolu Itti gaafatamaan Waajjira Aadaafi Tuurizimii Godinichaa Obbo Wandimmuu Dabalaa AMN’tti himaniiru.

Wandimmaagany Asaffaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply