Ameerikaan gareewwan yakkamtoota addunyaa kanaa dhabamsiisuu akka dandeessu Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon beeksisan.
Maarkoo Ruubiyoon wayita Ikuwaadoor daawwatanitti biyyoota akka Ikkuwaadoriin yoo wal ta’an garee yakkamtootaa dhabamsiisuu akka danda’an ibsaniiru.
Ameerikaan garee yakkamtoota gurguddoo Ikuwaador keessaa lama Loos Looboosi fi Loos kooneeroos jedhaman “dhaabbilee shororkeessummaa addunyaati” jechuun labsuuf akka jirtu akeekkachiisaniiru.
Ameerikaan bidiruu Galaana Kaaribiyaanii irratti haleellaa raawwachuun daldaltoota qoricha sammuu namaa hadoochu tahuu akkan oolle namoota shakkaman 11 ajjeesuu ibsuun ishee ni yaadatama.
Ameerikaan, Meeksikoo fi Ikkuwaador namoota akkanaa adda baasuuf akka tumsan Ministichi gaafataniiru.
Tahuu baannaan garuu gareewwan kanarratti lola banuu akka barbaadan Pireezidaantiin biyyattii Tiraamp ibsuu isaanii Ruubiyoon dubbatanii jiru.
Gama biraan, ogeeyyiin seeraa haleellaan Galaana Kaaribiyaanii irratti taasisame mirga namoomaa fi seera galaanaa idil-addunyaa sarbuu mala jechuu isaanii BBC’n gabaaseera.