
AMN –Onkololeessa 27/2017
Qondaaltonni Ameerikaa Raashiyaan filannoo pirezedaantumma Ameerikaa bara kana gaggeeffame kan preezdaantiin duraanii Doonaald Tiraamp injifate harki ishee keessa jira jechuun himataniiru.
Imbaasiin Raashiyaa Waashingitan DC jiru himannaan kun bu’uura kan hin qabne jechuun haaleera.
Qondaaltonni Ameerikaa akka jedhanitti, Raashiyaan buufata filannootti boombii darbachuun filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa jeequuf fi jeeqsuuf karoorfattee akka turtee mallatoon jira.

Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) boombii buufataalee filannoo naannolee adda addaa irratti xiyyeeffate karoorfamee akka ture akeekera.
FBI’n buufata filannootti shororkeessummaa fi sodaa uumuun adeemsi filannoo sirnaan akka hi gaggeeffame kan yaadame ta’uu isaa himeera.
Raashiyaan gama isheetiin himannaan kun bu’uura kan hin qabnee fi dhugaarrta kan fagaate akka jechuu ishee CNN gabaaseera.