AMN amantiiwwan gidduutti walkabajuufi waldanda’uun akka dagaagu gumaacha taasiseef beekamtii argate

You are currently viewing AMN amantiiwwan gidduutti walkabajuufi waldanda’uun akka dagaagu gumaacha taasiseef beekamtii argate

AMN Plus – Fulbaana 29/2018

Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Finfinnee, Addis Miidiyaa Neetiwoork amantiiwwan gidduutti walkabajuufi waldanda’uun akka dagaaguufi tokkummaan akka jiraatu gumaacha taasiseef beekamtii kenneef.

AMN ayyaanotaafi sagantaalee amantiiwwan gara garaa tamsaasa kallattii qulqullina qabuun uummata biraan gahuufi hojiilee Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Finfinnee hojjetuuf uwwisa oduu kennuun hojii guddaa hojjechaa turuun himameera.

Kanaafis AMN Sagaleen Dhalootaa hojii hojjete kanaaf Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Finfinneerraa beekamtii argateera.

Beekamtii kanas Hoji Raawwachiisaa Olaanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa fuudhaniiru.

Habtaamuu Mul’ataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply