Addis Miidiyaa Neetiwork hojii seenessa biyyaalessaa ijaaruu eegale cimsee akka itti fufu Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsan.
Guyyaan Saboota, Sab-lammootaafi Uuummattoota Itoophiyaa sababeeffachuun marii Paanaalii Waajjira Muummicha AMN’tti adeemsifame irratti, Sirni federaalizimii heddummina mirkaneessuu irra darbee sabootni hundumtuu dhageettii wal qixa akka qabaatan gahee olaanaa qabaachuu isaa dubbataniiru.

AMN fakkeenya sagalee heddumminaa tahuu ibsuun afaanota biyya keessaa shaniin hordoftoota isaa bira gahaa jiraachuu ibsuun, hojii seenessa biyyaalessaa ijaaruu isaa cimsee akka itti fufu kaasaniiru.
Guyyaan Saboota, Sab-lammootaafi Uuummattoota Itoophiyaa 20ffaa sababeeffachuun, miidiyaan tokkummaa sab-daneessummaa ol kaasee mul’isuuf miidiyaan gahee olaanaa qabaachuu isaa hojjattootni AMN marii paanaalii kana irtratti hirmaatan ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin