AMN tumsa milkaa’ina Yaa’ii Dhaabbata Hojii Addunyaa 20ffaaf taasiseef beekamtii argate

You are currently viewing AMN tumsa milkaa’ina Yaa’ii Dhaabbata Hojii Addunyaa 20ffaaf taasiseef beekamtii argate

AMN PLUS- Caamsaa 27/2017

Addis Miidiyaa Neetwork Yaa’ii Dhaabbata Hojii Addunyaa ( ILO) 20ffaa Itoophiyaan qopheessite irratti gumaacha olaanaa taasiseef beekamtii argateera.

Beekamticha Hoj- Raawwachiisaa olaanaan Addis Miidiyaa Neetwork Obbo Kaasahuun Gonfaa Ministira Magaalaa fi Bu’uraalee Misoomaa Adde Caaltuu Saanii harkaa fuudhaniiru.

Yaa’iin Dhaabbatni Hojii Addunyaa 20ffaa Ministeerri Magaalaa Fi Bu’uraalee Misoomaa fi Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa waliin qopheessan yaa’iwwan hanga ammaaatti ta’aaman 20 keessaa fooyya’aa akka tures ibsameera.

Addis Miidiyaa Neetwork bakka yaa’ichi itti taa’ame miidiyaa Magaalaa Finfinnee ta’uusaarraa kan ka’e haala taatee yaa’ichaa gituu danda’uun uwwisa miidiyaa bal’aa kennuusaatiin beekamtii argateera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply