Atileetiin rikoordii maaraatoonii addunyaa of-harkaa qabdu dhorkamte

You are currently viewing Atileetiin rikoordii maaraatoonii addunyaa of-harkaa qabdu dhorkamte

AMN PLUS,Adoolessa 10/2017

Atileetiin Keeniyaa Ruut Chiipiingeetiich kan rikoordii maaraatoonii bara faranjootaa 2024 of-harkaa qabdu dhorkamuun ifoomeera.

Atileetittiin fiigicha maaraatoonii sa’atii 2:09:56 galuun atileetii Itoophiyaa Tigist Asaffaa caaluun injifannoo galmeessuun ishee ni yaadatama.

Haata’uuti atileetiin Keeniyaa amma dhorkamte jedhamte kun qoricha si’eessituu humnaa ‘Hydrochlorothiazide’ jedhamu fayyadamteetti jechuun federeeshiniin atileetiksii addunyaa dhorkuu beeksiseera.

Dhaabbatni qorannoo qoricha si’eessituu humnaas akka ifoomseetti atileetittiin qoricha federeeshiniin atileetiksii addunyaa dhorku amala yeroo yeroon bifa jijjiirrachuu qabu fayyadamteetti jechuun karaa ogeeyyii isaa ibseera.

Dhimmichaan wal-qabatee atileetiin Keeniyaa Ruut Chiipiingeetiich kan rikoordii maaraatoonii bara faranjootaa 2024 of-harkaa qabdu garuu hanga ammatti homaa waan jette hinqabdu.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply