Ayyaana Bara Haaraa 2018’f dhiyeessii oomishaa gahaa ta’e akka jiru Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Hoggantuun Biiroo Magaalaa Daldalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj, ibsa kennaniin jiraattotni Magaalaa Finfinnee tasgabba’anii akka oomishaalee garaa garaa ayyaanichaaf barbaachisan gatii madaalawaan bitataniif qophiin gahaan taasifamuu isaa himaniiru.
Giddu galootni gabaa 9, Gabaawwan Sanbataa fi Dilbataa 219 akkasumas baazaariiwwa 20 dabalatee bakkeewwan garaa garaatti bakki gurgurtaa gatii madalawaa akka qophaa’e Aadde Habiibaan beeksisaniiru.
Waldaalee daldaltootaa, waldaalee hojii gamtaa, oomishtoota indastiriifi qonnaan bultoota naannolee waliin mari’achuun dhiyeessi akka jiraatu waliigaltee irra gahamuu isaa ibsaniiru.
Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfennee ayyaana sababeeffachuun daldaltoota oomishaalee seeraan alaa kuusan, gatii hin barbaachisne dabalan, seeraan ala oomisha daddabarsaniifi madaala hanqisan irratti hordoffii akka taasisu beeksiseera.
Tsiyoon Maammootiin