Tapha Piriimiyer Liigii Itoophiyaa torbee 29ffaan sa’aatii 9 irraa eegaluun Istaadiyeemii Yuuniversiitii Hawaassaatti Moorkiin Baankii Daldala Itoophiyaa fi Magaala Baahir Daar gidduuti taasifame goolii malee golabameera.
Haaluma kanaan Magaalaan Baahir Daar qabxii 47’n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu, Baankiin Daldalaa Itoophiyaa ammo qabxii 38’n sadarkaa 9ffaa irratti argama.
Magaalaan Baahir Daar injifannoo taphoota sadii booda qabxii kan qoddate yoo ta’u, Baankiin Daldalaa Itoophiyaa ammo taphoota afran darban irratti injifachuu hin dandeenye.
Taphoonni torbee 29ffaa Piriimiyerliigii Itoophiyaa itti fufuun galgala sa’aatii 12:00 Irratti Machaal Sihuul Shiree waliin ni taphata.
Darajjee Adunyaatiin