‎Badhaadhinni Itoophiyaa ni dhugooma- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing ‎Badhaadhinni Itoophiyaa ni dhugooma- Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

‎AMN PLUS Onkololeessa 10/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hoggantoota duraaniifi ammaa waliin daawwannaa hojiilee misoomaa Baaleetti taasisanin cinaatti Holqa Soofumaritti mari’ataniiru.

‎Hojiileen misoomaa Godina Baalaatti hojjetaman badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.

‎Godina Baaleetti misoomni hojjetameefi hojjetamaa jiru rakkinoota kanaan dura hambisuun yeroo gabaabaa keessatti bu’aan mul’achaa jiru abdii namatti kan horuudhas jedhaniiru.

‎”Mariin hoggansa duraaniifi ammaa waliin iddoo misoome Holqa Soofumar keessatti taasfne Itoophiyaan garamitti imalaa akka jirtu kan agarsiisuudhas” jedhaniiru.

‎Yaadaafi mul’ata misoomaa hojiitti jijjiiruun gaabbii duriitif furmaata fiduun bu’aa olaanaan argamaa akka jirus Obbo Shimallis dubbataniiru.

‎Yaadota Hoggantoonni ammaafi duraanii kaasan irraa waan heddu akka hubatan kan ibsan Obbo Shimallis Abdiisaa, mariin kun hojii gara fuulduraatti hojjetamuufi humna guddaa akka ta’e ibsaniiru.

Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply