Finfinnee galma Barkumeetti waltajjii marii ajandaa walitti qabuu dhaabbileefi waldaalee federaa gaggeessafaa ture goolabameera.
Dhaabbileefi waldaalee federaala kunneen ajandaa guyyootta darban irratti mari’achaa turan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaaf kennaniiru.
Bakka bu’oonni dhaabbileefi waldaalee kanneen ajandaalee garee torbaan irratti mari’achaa turan qindeessuun komishinaroota komiishinii marii biyyaleessaaf kennaniiru.
Ajandaalee kanneenis Komishinar Piroofeeser Masfin Ara’aayaa, Hiruut Gabresillaaseefi Ambaayee Ogatoo (PhD) waliin ta’uun koree qindeessituurraa fuudhaniiru.
Gara fuula duraattis marii biyyaalessaa daran fudhatamaa akka argatuufi hunda hirmaachisaa akka ta’uuf Komishiniin marii biyyaalessaa ciminaan kan hojjetu ta’uun himameera.
Geetahuun Katamaatu Gabaase