Sagantaan qulqullina adabaabaayii ayyaanni daamaraa masqalaa itti kabajamu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun gaggeeffame.
Saganticha irratti sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Hoji gaggeessaa olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seetaa dabalatee hooggantoonni hojii olaanoon bulchiinsichaa, abbootiin amantii addaddaa dargaggoonni fi hojjetoonni qulqullinaa irratti argamaniiru.
Injiinar Wandimmuu Seetaa yaroo kanatti ayyaanni daamaraa masqalaa Itoophiyaa irra darbee hambaa qabeenya addunyaa kan ta’ee fi ayyaana waloominaati jedhaniiru.

Kanaafis, qabeenyummaan isaa hordoftoota amantichaa irra darbee kan guutummaa Itoophiyaanotaa akka ta’e ibsaniiru.
Kanaanis bulchiinsi magaalichaa ayyaanni daamaraa masqalaa duudhaa amantiii isaa eegee haala ho’aan akka kabajamuuf hojiilee addaddaa raawwachaa turuu dubbataniiru.
Sagantaan qulqullinaa kn qaama kanaa akka ta’e eeranii ammarra ayyaanichi haala ho’aan akka kabajamuuf qoohiiwwan xumuramuu ibsaniiru.
Mitikkuu Tashoomaatu gabaase