Balaa lolaa Meeksikootti mudateen lubbuun namoota 27 olii yoo darbu, namootni hedduun ammo bakki isaan bu’an hin beekamne jedhame.
Akka anga’ootni biyyattii ibsanitti balaa lolaa mudate hordofee sigigaachuun lafaa mudachuun manneen hedduu yoo mancaasu, konkolaataawwan fudhatee adeemuufi riqichootni yoo caban BBC’n gabaasa isaa irratti suuraan mul’isee jira.
Roobni cimaan kaleessaafi dheengadda roobe laggeen guutuun gara manneen jireenyaatti kan yaa’an yoo ta’u, Baha Meeksikoo magaalaa Hidaalgoo jedhamtutti, lubbuun namoota 16 caalu akka darbe ibsameera.
Pirezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheembam hojjattoota deggersaa 5,400 ol akka hawaasa gargaaraniif, daandii qulqulleessaniif erguu ibsuun namoota baraaruufs hojjattootni 3,300 garasitti imaluu ibsaniiru.
Uummata gargaaruuf, daandii saaquufi tajaajila ibsaa deebisuu akka hojjataa jiranis beeksisanii jiru.
Malkaamuu Abbabaatiin