UN Ityoophiyaa deeggaruu itti fufa- Antooniyoo Gutareez

You are currently viewing UN Ityoophiyaa deeggaruu itti fufa- Antooniyoo Gutareez

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) Ityoophiyaa deeggaruu akka itti fufu Barreessaan Dhaabbatichaa Antooniyoo Gutareez himan.

Mr. Gutareez Yaa’ii Waliigalaa UN cinatti I/A Ministira Muummee fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin simachuun waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaan qormaatilee hawaasummaa fi diinagdee qabdu hiikuuf sochii taasistuun akka milkooftu hawwii qaban ibsaniiru.

DhMG hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo akka qabus akeekaniiru.

Ityoophiyaan sirna tumsa waloo biyyoota danuu keessatti gahee olaanaa qabdi jedhan Mr. Gutareez.

Obbo Dammaqaan waqtii Ityoophiyaan qormaata keessa turte dhaabbatichi fi Mr. Gutareez d3eggarsa taasisaa turan dinqisiifataniiru.

Dhimmoota hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa ilaalchisees obbo Dammaqaan ibsa laataniifiiru.

Dhaabbatichi sochii irra deebiin bayyanachiisuu Ityoophiyaan taasistu akka deeggaru waamicha dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review