Bara jijjiiramaa as hojiin tola ooltummaa birrii biiliyoona 42 olitti tilmaamaman hojjetamaniiru- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Bara jijjiiramaa as hojiin tola ooltummaa birrii biiliyoona 42 olitti tilmaamaman hojjetamaniiru- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti waggoota torban darban hojiin tola ooltummaa birrii biiliyoona 42.5 olitti tilmaamamu raawwatamuu Kantiiba Adaanech Abeebeen himan.

Bulchiinsi magaalichaa tola ooltota bara 2017tti waan qabanirraa gumaachuun jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti qooda isaanii ba’ataniif beekamtii kenneera.

Kantiibaa Adaanech waltajjicha irratti haasa’a taasisaniin, kaka’umsa MM Dooktar Abiyyi Ahimadiin hojiin Tola Ooltummaa eegalame Finfinnee jijjiiraa jiraachuu himan.

Tola ooltummaan hanquu qabnurraa waa hiixachuufi ofiin ol kaaniif jiraachuu ta’uu Kantiibaa Adaanech eeraniiru.

Finfinneen waggoota torbaa as dargaggootaan, abbootii qabeenyaan akkasumas hoggantootaan tola ooltummaa aadaa taasfachaa dhufuu ibsaniiru.

Bara jijjiiramaa as tola ooltummaan birrii biiliyoona 42.5tti tilmaamamu hojjetamuu eeruun manneen kuma 40 ol ijaarameera, kumaatamaan kan lakkaa’aman sooruun, nyaata qofa osoo hin taane jaalala keenyallee qoodneerra.

Imimmaan harka qalleeyyii haqamaa jiru, daa’immanis abdii godhachaa jiru jedhaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply