Bitootessi 24 guyyaa Itoophiyaan gama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasiin seenaashee keessatti daandii haaraa eenyuyyuu hin yaalle itti jalqabdedha jedhan ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa Laggasaa Tulluu (Dr.)
Guyyaan kun falaasama ida’amuun, ilaalcha siyaasaa wiirtuun gaggeeffamtee kan darberraa waan gaarii fudhachuun, dhaloota boruuf har’a ashaaraa haaraa kaa’uun boqonnaa guddummaa kan itti eegaltedha jedhan fuula marsariitii isaaniin.
Heddummina walxaxaa fi eenyummaa hedduutiin balaa bittinnaa’uu jalaa baatee heddumina akka faayaatti itti fayyadamtee tokkummaa sabdaneessummaa caalaatti cimsuu kan itti eegaltedha jechuun ibsaniiru.
Waggoota jijjiiramaatti indaastirii oomishaan, albuudaan, damee tuurizimii fi hoospitaalitiin, magaalaa fi bu’uura misooma diriirsuun akkasumas dinagdee dijitaalaan rakkoolee Itoophiyaatti aggaamaman guddummaashee mirkaneessuun jijjiiramaa fi guddina galmeessisuushee ibsaniiru.
Lammiileen nagaa akka argatan sirna siyaasaa ammayyaa qaroomee fi olaantummaa yaadaan hoogganamu diriirsuuf carraaqqiin taasifame bu’aa abdachiisaa buusuu jalqabuusaa ministirichi ibsaniiru.
Injifannoowwan galmeeffaman lakkaa’uun egereesaanii eeguu fi bal’isuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.