Bakka Bu’aa Paartii Jibuutii ’Djibouti Peoples Rally For Progress’
Bakka seenaa qabeessa Yaadannoo Ijifannoo Adawwaa fi mallattoo mo’ichaa irratti argmuun haasa’aa taasuu isaaniitiin gammachuu guddaan akka isaanitti dhagahame eeraniiru
Jijjirama akka biyyaa fi magaalatti mula’ate yeroo dhiyoo keessatti kan dhufee ta’uu dhugaa bahaniiru, jijjiramich hnga baadiyyaa biyyatitti babala’achaa jiraachuus ibsaniiru,
Milkaa’ina argameef qoodaa guddaa kan qaban abbaa mul’aataa kan ta’an Muummicha Ministeera Abiyyi Ahamad (Dr,) akka ta;an dubbataniiru,
Keesumaa Magaalli Finfinnee ammayyummaa uffachuun ishee bulchiinsi magaalittii fi hoggantooni waan qindoominaan hojjetaniif akka ta’e dhugaa bahaniiru
Itoophiyaan karoora midhaan nyaataan of danda’uuf tattaffin gochaa jirtu waan nama ajaa’ibsiisu ta’uu ibsaniiru
Biyyitiin yeroo gababaa keessatti diinagdee cimaa galmeessisaa jirti, kun immoo gaggeessa abbaa mul’ataa cimaa waan qabduufidha.
Bakka Bu’aa Paartii Sudaan Kibbaa ’South Sudan Peoples Revolution ’
Paartiin Badhaadhinaa Paartii waadaa uummata isaaf galee qabatamaan hojitti hiikee agarsiise dha. Kun immoo Partiin kamiyyuu filannoo mo,ate gara taayitatti yeroo dhufu lammilee biyyaattif waan waadaa gale qabatamaan raawwachuun paartii kamiifuu fakkeenyumma guddadha
Itoophiyaan tokkummaa ishee cimsachuuf Jabana Masaafntii irraa egalee hanga ammaatti boqannalee hedduu ceetetti, dhiyoo kana MM Abiyyi (Dr.) tarkaanfii fudhataniin akka biyyaatti- gama diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin jijjirama ijaan argamu galmeessuun danda’ameera,
Riifoormiin akka biyyaatti dhufe falaasama ’IDA”AMUUN’irratti kan hundaa’e yoo ta’u ilalchaa garagaraa walitti qindeessuun biyyaaf hojjechuudhan akka ta’es ibsaniiru
Bakka bu’aa Paarti Zumbaabee ’ ‘The Zimbabwe African National Union – Patriotic Front- ZANU-PF Party’
Itoophiyaan biyya hin koloneefamnee fi biyya walabummaa ishee eeggatee turtee ummata tokkummaa isaa tifkate ta’uun Afrikaaf guca walabummaa akka taate dubbataniiru
Miirri hin bitamuu Itoophiyaanoota gara biyyoota Afrikaatti dagaaguun bilisummaa isaaniif akka dammaqanii falmatan taasiseera
Zumbaabeen yeroo bilisummaa ishee gonfatte gaheen Itoophiyaa guddaa waan tureef uummanni biyyaatti oolmaa kana yoomiyyuu hin irraanfatu
Bakka bu’aa Paarti Kibba Afrikaa ’ African National Congress’
Itoophiyaan ilaalcha farra kolonii fi sirna Appaartaayidii irratti qabsoo hadhaayaan akka taasifamu qooda gumaachiteen biyyoonni Afrikaa hedduun bilisa akka bahan gumaacha guddaa taasifteetti
Itoophiyaan walbummaa biyyoota Afrikaaf fakeenyummaa guddaa biyya qabdudha
Milkaa’ummaan Itoophiyaa milkka’ummaa Afrikaati, akkasumas qormmaanni Itoophiyaa qormaata afrikaati, kanafuu Itoophiyaan biyya cimtuu taatee akka mul’atu biyyoon Afrikaa hunduu tumsuu qabu
Akka Paan Afrikaatti, jijjirama fiduun fedhii fi abjuu uummata keenyaa dhugoomsuuf waliin hojjenna, waliin dhhaabbanna
Daandileen Magaalaa Finfinnee hanga gaarren Joohaansbarg, suluula Dhiha Saahaaraa hanga gammoojjii Namibiyaatti ol-ka’umsa Afrikaaf waliin hojjenna.
Bakka bu’aa Parrtii Turkiyee ’AK Party’
Yaadni fi ilaalchi MM Abiyyi Ahimad (Dr.), hawwii badhaadhina biyya isaaniirra darbee Afrikaaf kan gahu ta’uu eeraniiru
MMI waadaa galan kan hojiitti hiikan, hojiin kan agarsiisaniif mula’ata gaanfa Afrikaa diinagdeen walitti hidhuuf qaban dinqisiifataniiru
Itoophiyaan biyya seenaa qabeetti,qormaata ishee mudateef osoo hin jilbeeffatiin waggoota hedduu kan ceetedha
Itoophiyaan addunyaarratti biyya walaba taatee qofa osoo hin ta’iin warra walabummaa isaanii gonfachuuf carraaqan cina biyya dhaabbachaa turtedha
Bakka bu’aa Paartii Raashiyaa ’United Russia Party’
Yaa’iin kun Itoophiyaa dagaagina itti aanutti kan tarkaanfachiisuu fi biyyattiin akka idil-addunyaati bakka qabdu kan guddisudha.
Walitti dhufeenyi biyyota lamaanii cimee akka itti fufu paartiin Raashiyaa’United Russia Party’ akka hojjetu waada galaniiru
Miseensummaa ’BIRCS’ keessatti qooda Itoophiyaan qabdu fayyadamuun waltumsuu irratti ni hojjenna
Paartiin Badhaadhinaa fulduratti milkaa’ina dabalataa akka galmeessu abdii qaban himaniiru
Bakka bu’aa Paartii Taanzaaniyaa ’Chama Cha Mapinduzi’
Itoophiyaan hoggansa bilchaata MM Abiyyi Ahimad (Dr.)tiin guddina ariifachiisa keessa jirti
Walitti dhufeenyi biyyoota lamanii yeroo dheeraa kan lakkofsise yoo ta’u fuldurattis cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneesaniiru
Adduynaan rakkoo jijjiirama qilleensaa, walitti bu’insa naannoo, hongee fi beelaaan gidirfamaa jirtu, keesumaa Afrikaan rakkolee kan qolachuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’u himaniiru
Bakka Bu’aa Ruwaandaa ’Rwandan Patriotic Front’
Waltumsi paartilee siyaasaa lamaanii cimee kan itti fufu ta’uu mirikaneesaniruu
Afrikaan rakkoo wal-xaxaa keessaa akka baatuuf nagaa fi badhaadhina biyyota isaanii fiduuf paartileen siyaasa biyyoota Afrikaa waliin hojjechuu qabu
Ruwaandaan walitti dhufeenyaa seena qabeeseeaa Itoophiyaa waliin qabdu gara fuulduraatti cimsitee kan itti fuftudha.
AMN PLUS- Amajjii 24/2017
Tolasaa Mabraateetu qindeesse