“Bitootessi 24, Siida namummaadhaaf dhaabbateedha” Mangistuu Baqqalaa (Dr.)

You are currently viewing “Bitootessi 24, Siida namummaadhaaf dhaabbateedha” Mangistuu Baqqalaa (Dr.)

AMN PLUS- Bitootessa 24/2017

Sadarkaa Naannoo Oromiyaattii hirirri deeggarsaa injifannoo bitooteessa 24 Magaalaa Finfinneetti bakka hooggantoonni olaanoo,hojjettoonni Mootummaafi kutaaleen hawaasaa garaa garaa argamanitti sagantaa garaa garaan adeemsifamaa jira.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Ijaarsaa Mangistuu Baqqalaa (Dr.) saganticharatti ergaa dabarsaniin Bitootessi 24, Siida Namummaadhaaf dhaabbateedha jedhan.

Kunis mul’achuu kan danda’ e qabsoo uummanni oromoo taasiseenidha.

Guyyaan har’aas yeroo hidhi haaromsaa xumurarra gahe waan ta’eef guyyaa addaati jedhaniiru.

Kanaaf injifannoo gatii qaaliin argame kana kunuunsuufi tiksuun dirqama sabaafi sablammoota hundaa ta’uu ergaa isaanitiin dhaamaniiru.

Bitooteessi 24 bu’uura milkaa’ina faajjii biyya keenyaati kan jedhan ammoo Hogganaa Itti Aanaa biiroo dargaggoofi ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaalanyi Xilaahun. Bitootessi 24 guyyaa seenaa qabeessaa fi bu’ura injifannoo qabsoo Oromoo ta’uus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply