Bitootesssi 24 guyyaa Seenessi sobaa seenessa waloon bakka buufame ta’uun himame.

You are currently viewing Bitootesssi 24 guyyaa Seenessi sobaa seenessa waloon bakka buufame ta’uun himame.

AMN PLUS- Bitootessa 23/2017

Bitootesssi 24 guyyaa Seenessi sobaa seenessa waloon bakka itti buufame ta’uun himameera.

Guyyaa injifannoo Bitooteessa 24 sababeeffachuun sagantaan waarii artii bakka Hooggantoonni Olaanaa Naannoo,Artiistoonni,Abbootiin Gadaafi daayaaspooraa akkasumas keessummoonni garaa garaa argamanitti adeemsifamaa jira

Hooggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aaddee Jamiilaa Sinbiruu Bitootesssi 24 guyyaa Seenenessi sobaa seenessa waloon bakka buufamee, guyyaa sirni warraaqsa dimokiraasii lafa itti qabate, guyyaa falaasamni ida’amuu itti bocameedha jedhan.

Kanaan alattis Adwaa lammaaffaa kan ta’e guyyaa dhagaan bu’uura ijaarsi hidha haaromsaa itti kaa’ame ta’uu himan.

Ummanni Oromoo waanjoo sirnoota darbanii mataa isaatiif saboota biyyattiirra ture qabsoo fi wareegamaan ofirra kaasuun tokkumman, walqixxummaa fi sabdaneessuummaan biyyattii keessatti akka dagaaguuf shoora olaanaa qabaachuu kaasani. Qabsoo kana milkeessuu keessattis aartiin shoora olaanaa akka qabu yaadachiisan.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti gaafatamaan Ijaarsaa Mangistuu Baqqalaa (Dr.) Bitootesssi 24 guyyaa Itoophiyaan kufuurra yaadama Ida’aamuutiin itti baraaramteefi imala baadhaadhina tokko jettee eegalteedha jedhan.

Aartiin jijjiirama har’a akka biyyaatti dhufe milkeessuufi kunuunsurratti shoora olaanaa qabaachuu kan himan Mangistuu Baqqalaan (Dr.) Aartiistoonni Oromoo kanaafis agarsiiftuu guddaadha jedhan.

Namoomsaa Baalliitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply