Biyyoonni lameen tumsa gam-lamee cimsuuf mari’atan

You are currently viewing Biyyoonni lameen tumsa gam-lamee cimsuuf mari’atan

AMN PLUS- Bitootessa 10/2017

Itoophiyaa fi Paakistaan tumsa gam-lamee cimsuuf mari’ataniiru.

Paakistaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Jamaal Bakar Ministeera Dhimma Alaa Pakistaanitti Daarektara Jeneraalaa Dhimmoota Afriikaa Ambaasaaddar Ahimad Alii Siiroohey (Dr.) waliin Islaamaabaaditti mari’ataniiru.

Tumsa dinagdee fi nagenyaa biyyoota lamaanii akkasumas hidhata ummattoota biyyoota lamaanii haala cimsuun danda’amurratti yaada walii qoodaniiru.

Fedhii waloo jiddu-galeessa godhachuun hariiroo Afriikaa-Paakistaan cimsuurrattis mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Jamaal Paakistaan imaammatashee “Look Africa and Engage Africa” jedhuun Afriikaa waliin tumsa wal kabajaa fi faayidaa waloorratti hundaa’e uumuuf hojii hojjechaa jirtu dinqisiifataniiru.

Daarektarri Jeneraalaa Dhimmoota Afriikaa Ambaasaaddar Siirohey (Dr.) Paakistaan hariiroo gam-lamee Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabdi jedhaniiru.

TOI

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply