Biyyoota yaa’a gadii waliin dippiloomaasiin uummataa hojjetamuu qaba- Ambaasaaddar Dinaa Muftii

You are currently viewing Biyyoota yaa’a gadii waliin dippiloomaasiin uummataa hojjetamuu qaba- Ambaasaaddar Dinaa Muftii

‎AMN PLUS – Onkoloolessa 17/2018

‎Hidhi haaromsaa guddichi xumuramus fayyadamummaa waliiniitiif walitti dhufeenya uummataa fi uummataa irratti hojiin dippiloomaasii cimee itti fufa jechuun Ambaasaaddar Dinaa Muftii dubbataniiru.

‎Ambaasaaddar Diinaan turtii AMN Dijitaal waliin taasisaniin dhimmi hidha haaromsaa kan xumurame ta’us fayyadamummaa waloof walitti hidhamiinsa naannawaa kan cimsu ta’uu himan.

Biyyoota yaa’aa gadii waliin dippiloomaasii uummataa fi uummataa hojjetamuutu irra jira jedhan.

‎Walitti dhufeenya mootummootaa irra darbee dippiloomaasii uummataafi uummataa dhaabbilee miti mootummaa, dhaabbilee barnoota olaanoo, namoota dhuunfaa bebbeekamoo, Artistootaa fi miidiyaan hojii bal’aan hojjetamuu akka qabu Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsaniiru.

‎Amma irra faayidaa hidha haaromsaa ibsuu osoo hintaanee boqonnaan kun kan diiploomaasii barbaadu waan ta’eef hidhicha irraa muuxannoo argame Afiriikaanotaaf keessumaa biyyoota yaa’aa gadii muuxannoo guddaa ta’uu hojiiwwan agarsiisan hojjechuu akka gaafatu ibsaniiru.

‎Uummanni Itoophiyaa wal tumsee dandeettii isaatiin bu’aa argamsiise biyyoota biroof barumsa guddaa ta’uu dha kan jedhan Ambaasaaddar Diinaa Muftii muuxannoo kanas ibsuu fi babal’isuun cimee itti fufuu qaba jedhan.

Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply