AMN PLUS- Onkoloolessa 22/2018
Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinping biyyootni Eeshiyaa-Paasifik diinagdee egeree ifaafi itti fufiinsa qabu ijaaruuf wal tumsuu akka qaban dhaaman.
Yaa’ii Diinagdee Anga’oota APEC 32ffaa mata duree, Diinagdee egeree ifaafi waaraa ijaaruu” jedhuun Kooriyaa Kibbaatti
adeemsifamaa jira.
Yaa’icha irratti biyyootni Eeshiyaa- Paasifik haala ittiin fayyadamummaa waliinii mirkaneessan, carraawwan haaraa ittiin waliin hojjatan mijeessan akkasumas gufuulee adda baasuun irratti waliin hojjatan irratti mari’achaa jiru.
Pirezidaanti Shii Jiinping wayituma kana, “Warraaqsi saayinsiifi Teekinooloojii akkasumas cehumsi Indastirii yeroo ammaa gara dambalii olaanaatti waan ce’eef, namummaaf kallattiiwwan haaraa banaa jira “ jechuun dubbataniiru.
Gama biraan, qaawwi misoomaa sadarkaa addunyaatti mul’atu, rakkoolee akka jijjiirama qilleensaa, wabii nyaataafi nageenya anniisaa waliin ta’uun addunyaa qoraa jiraachuu ibsaniiru.
Biyyootni kunneen, teekinooloojii haaraatiin of gahoomsuun fuulduratti tarkaanfachuu, misooma dijitaalaafi magariisaa akkasumas ismaartii ta’een of guddisuufi humna haaraa qulqullina giddu gala godhateen egeree fulla’aafi ifaa ta’e ijaaruuf wal tumsuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Hojiirra oolmaa Ajandaa Misooma Fulla’aa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 2030 kanneen akka hiyyummaa hir’isuufi Uummata biyyoota naannichaaf badhaadhina mirkaneessuu irratti fuuleffatamee akka hojjatamus hubachiisuu isaanii Xinhua’n gabaaseera.
Malkaamuu Abbabaatiin