Buufanni Humna Elektirikii Itoophiyaa Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti humna ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 430 ol maddisiisuu beeksise.
Hojii gaggeessaan oppireeshinii buufatichaa obbo Dajanee Guutaa akka ibsanitti, Buufatni Humna Bishaan Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti oomisha anniisaa karoorfame caalaa maddisiiseera.
Buufatni humna elektiriikaa kun bara baajataa 2017 ji’oota sagal darbe keessatti humna ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 436.5 maddisiisuu kan danda’e yoo ta’u, anniisaa sa’aatii kuma 4 fi 725 tuqaa 56 maddisiisuuf karoorfamee ture jedhan.
Kunis sa’aatii giigaa waatii 710.94 ykn hanga karoorfame irraa dhibbeentaa 15.04, akkasumas sa’aatii giigaa waatii 189.65 ykn yeroo walfakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 3.61 caala.
Bu’aa kun kan argame hojiiwwan sakatta’iinsaa fi hordoffii yeroo yeroon oomisha humna ibsaa amansiisaa ta’e mirkaneessu, hojiin opireeshinii akkaataa maanuwaalii hojii hooggansa dhaabbatichaatiin mirkanaa’een kan raawwatamu ta’uu isaa, akkasumas agarsiistonni addaan ciccituu fi rakkoolee (alaarmii fi badii) yeroo hubataman battalumatti akka sirreeffan ta’uu ibsaniiru.
Dhuma bara baajataa kanaatti humni ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 6 fi 141.49 maddisiisuu fi hojiitti galchuuf karoorfamee, ji’oota sagal darban keessatti karoora waliigalaa keessaa dhibbeentaan 88.52 galma ga’uu isaa yaadachiisaniiru.
karoora bara bajataa keessatti milkeessuuf kaa’ame galmaan ga’uuf agarsiiftuu ta’uu Obbo Dajanee Guutaa ibsuu isaanii TOI irraa odeeffanne.