AMN PLUS, Guraandhala 14, 2017
Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Taanzaaniyaa Magaalaa Daare Salaam dhaqaniiru.
Obbo Tamasgeen yeroo 3ffaaf yaa’ii oomishtoota Bunaa Afrikaa G-25 magaalattiitti gaggeeffamurratti ni hirmaatuun eegama.
Afrikaatti oomishtuu bunaa addaa duree kan taate Itoophiyaa dabalatee biyyoonni oomishtoota bunaa 25 yaa’icharratti ni hirmaatu jedhameera.
Yaa’iichi mata duree “Indaastirii Bunaa Afrikaa dadammaqsuun dargaggootaaf carraalee hojii banuu” jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, carraalee hojii uumuu fi damicha si’eessuuf mariiwwan gargaraan akka taa’aman kan eegamu ta’uun ibsameera.