– Waggaatti imaltoota miiliyoona 100 ol keessummeesuu danda’a.
– Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa daandii xiyyaaraa guddicha Afrikaa qofa otoo hintaane, abbaa buufata xiyyaaraa guddicha isa taasisa.

– Invastimantii guddaan Doolaara biiliyoona 10nii kun, Itoophiyaan wiirtuu Aviyeeshinii Afrikaa ta’uudhaan akka itti fuftu ni taasisa.
– Olka’iinsa Finfinneerraa kan ka’e rakkoo xiyyaarotaa boba’a hedduu guuttatanii ka’uuf isaan rakkisu hambisa
Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)