Cororsaa Galmee Dinqisiisoo Afriikaa irratti galmeessisuuf yaala- Kennaa Saaqqataa

You are currently viewing Cororsaa Galmee Dinqisiisoo Afriikaa irratti galmeessisuuf yaala- Kennaa Saaqqataa

‎AMN PLUS- Hagayya 13/ 2017

‎Koonsartiin Guddicha Cororsaa ‘Chororsa Grand Concert’, mata duree “Cororsaa Tokko Miiliyoona Tokkoon” jedhuun geggeeffamuufi.

Konsartichi Hagayya 17 Bara 2017 Sanbata Xiqqaa dhufu Hoteela Intarkontinentaaliitti akka adeesifamu qopheessituun sagantichaa Kennaa Saaqqataa AMN Digital’tti himteetti.

‎Sagantaan kun nyaata aadaa Oromoo beeksisuurra darbee, nyaatni aadaa Oromoo Cororsaa jedhamu, aadaafi seenaa isaa eeggatee galmee wantootni Dinqisiisoo Afriikaa, ‘African Book of Records’ irratti galmeessisuuf karoorfachuu ishee beeksisteetti.

‎Hojiin kun nyaata aadaa Oromoo kanneen biroorrattis akka itti fufu qopheessituu sagantaa kanaa dubbateetti.

‎Sagantaa kanarratti manneen nyaata aadaa Oromoo sadii, Cororsaa dheerinni isaa Meetira 10 fi isaa ol ta’e qabatanii akka waliin dorgoman kan ibsite Kennaan, manni nyaata aadaa ulaagaa hundumaan injifate badhaasa akka argatu ibsiteetti.

‎Sagantaan kun akka eegamu waan taasisu, Cororsaa hangas dheeratu qopheessanii bakka itti dhiyaatu biraan gahuuf bu’aa ba’ii keessa darbanii dhufaniifi mudannoowwa ajaa’ibsisoo isaaniis hirmaattotaaf ni qoodu jechuun Kennaan himteetti.

‎Cororsaan guddichi daakuu xaafii, dhadhaa, itittuufi mi’eessituuwwan hangam akka fixeefi ogeessota meeqaan akka hojjatame guyyuma sana beekama jetteetti.

‎Cororsaan baay’inaan Oromiyaa Lixaa keessatti beekamu, amma ammoo Finfinnee keessatti nyaata aadaa filatamaa ta’aa dhufeera.

Nyaanni kun Oromiyaarra darbee Sadarkaa biyyaatti akkasumas addunyaatti beeksisuuf sagantaan akkanaa gahee olaanaa akka qabus ibsiteetti.

‎Dabalataan, Cororsaan nyaata aadaa namootni gurmuutiin nyaatan waan ta’eef tokkummaafi jaalala ummataa dabaluurrattis gahee qaba jechuun Kennaan ibsiteetti.

‎Hagayya 17 Bara 2017, sagantaa kanaan ala weellistootni bebbeekamoos walleewwan isaanii akka dhiyeessan Kennaan dubbateetti.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply