Daa’ima kichuu ugguruun shakkamtoonni birrii miiliyoona lama gaafatan to’ataman

You are currently viewing Daa’ima kichuu ugguruun shakkamtoonni birrii miiliyoona lama gaafatan to’ataman

‎AMNPLUS- Hagayya 07/2017

Magaalaa Finfinneetti shakkamtoonni 4 daa’ima kichuu waggaa tokkoofi ji’a saddeetii ugguruun birrii miiliyoona lama gaafatan to’atamuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Finfinnee beeksise.

Yakki kun Adoolessa 30/2017 halkan naannoo sa’aatii 1:40 Kutaa Magaalaa Qirqoos Aanaa 5 naannawa Waajjira Gamtaa Afriikaa jedhamutti raawwatame.

Poolisiin Finfinnee ibsa AMNf ergeen, Shakkamtoonni kunniin daa’ima waggaa tokkoof ji’a saddeetii maqaan isaa Faanu’eel Biraanee jedhamu mana jireenyaatii dhoksanii fudhatanii abbaasaatti bilbiluun birrii miiliyoona lamaa karaa baankii akka ergu gaafatan.

Abbaan daa’imichaa Obbo Biraanuu G/tsaadiq jedhaman poolisii naannawasaaniif eeruu kennan.

Qajeelcha Poolisii Kutaa Magaalaa Qiirqoositti Buufatni Poolisii Qeeraa hordoffi cimaa taasiseen fira dhiigaa kan ta’e Obbo Kaahsaayi Taklaay to’annoo jala oolche.

Qorannoo irratti taasifameenis mallaqa qooddachuuf jedhanii yakka kana irratti kan hirmaatan shakkamtoonni sadii Fiilmoon G/maariyaam, Tekiliit Hiluuf akkasuma Mihrat Iddiluu to’annoo jala oolfaman.

Shakkamtoonni kunis barii yakkichi raawwatame, naannoo Saariis Hoteela Maaraakii jedhamu kutaa kireeffatanii daa’ima achi keessa dhoksanii osoo jiranii to’ataman.

Shakkamtoota afran irratti Poolisiin Finfinnee qorannoo dabalataa taasisaa jiraachuus himeera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply