Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii Naayijeeriyaa Magaalaa Iinuuguutti taasisu yeroof addaan kutuu beeksise

You are currently viewing Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii Naayijeeriyaa Magaalaa Iinuuguutti taasisu yeroof addaan kutuu beeksise

AMN PLUS- Ebla 13/2017

Daandiin Qilleensa Itoophiya balalii Naayijeeriyaa Magaalaa Iinuuguu buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Akaanuu Iibyaamitti taasisu hanga Ebla 28/2017tti addaan kutuusaa beeksiseera.

Balaliin kan adda citus hojii suphaa buufata xiyyaarichaa keessatti hojjetamaa jiruun akka ta’es daandiin qilleensichaa ibseera.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa bu’aa ba’ii maamiltootarra gahuuf dhiifama gaafachaa, murtichi nageenya maamiltootasaa eeguuf jecha akka ta’e fuula marsaa hawaasaa isaarratti beeksiseera.

Maamiltoonni gaaffii qaban kamiyyuu teessoo armaan gadii fayyadamuu akka danda’anis ibseera.

Ethiopian Airlines Global Customer Interaction Center at +251 116 179 900

Ethiopian Airlines Enugu Office at +2347033745716, +2349033265850

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply