Dandeettii raawwiisummaa raayyaa sadarkaa olaanaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu Ajani Kibbaa beeksise.
Leenjiin Ajaja Kibbaa kooriin 202ffaa bara bajataa 2017 yeroo lammaffaaf hooggantoota rejimantii fi dhibbaalaaf akkasumas loltoota bu’uraa haaraa ramadamaniif kennaa ture xumurameera.
Ajaja Kibbaatti ajajaa olaanaan koorii 202ffaa koloneel Dajanee Tsaggaayee wayita kana, koorichi bakka dirqamni kennameefitti dirqamasaa raawwachaa jira jedhaniiru.
Humnoota nageenyaa Naannoo fi federaalaa waliin qindaa’uun bobbii taasisuun humnoota farra nageenyaarratti kasaaraa olaanaa geessisuusaa dubbataniiru.
Dandeettii raawwiisummaa raayyaa gara sadarkaa olaanaatti guddisuun dirqama kennameef ga’umsaan akka bahatu gochuun karoora koorichaa wagga kanaa keessaa tokko ta’uu ta’uu ibsaniiru.TOI